Xurree ittiin seenan

Breaking News

Giddu-galeessa Itiyoophiyaa, Magaalaa Haalaabaa Keessatti Namoonni 5 Loolaa Bishaaniin Du’an


Giddu-galeessa Itiyoophiyaa, Magaalaa Haalaabaa Keessatti Namoonni 5 Loolaa Bishaaniin Du’an
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:05 0:00

Bulchiinsa naannoo Itiyoophiyaa gidduu galeessaa godiina Haalaabaa keessatti Roobii hamaan argamee loolaa bishaanii uumeen namoonni 5 ajjeefamu bulchiinsii godiinaa beeksisee jira. Godiina Haalaabaa, magaalaa Dijoo fi Qullittoo naanna’ee aanaaleen argaman keessatti, Sambata dabree kana, Rooba Jandoo roobee loolaa bishaanii hordoofsisee, lubbuu namoota shanii galaafachuu isaa, bulchiinsa Godinaa keessatti itti gaafatamaan qajeelcha dhimmootii Koomunikeeshinii kan ta’an Obbo Haaruun Ahmad sagalee Amerikaaf bilbilaan ibsanii jiru.

Lubbuu namaan alattis, lafa Heektaara 30 caaluu irratti omiisha adda addaa midhaanii turan irratti miidhaa dhaqqabsisuu ibsanii jiru. Hanga gabaasaan kun qophaa’eetti, reeffii namoota 3 argamuu fi reeffa namoota biraa argachuuf hojiin barbaachaa gaggeeffamaa jira jedhan. Bara 2008 fi 2009 keessas balaa wal fakkaataan mudatee akka turees yaadachisanii jiru. Ejeensiin meetrooloojii Biyyooleessaa keessatti ogeessa Raaga Qilleensaa kan yeroo dheeraa kan ta’an Obbo Baqaaluu Taammana Rooba ramaddii baratamee caalaa Roobuun biyyatti gama Kibbaa keessatti akka itti fufuu ibsanii, balaan dhaqqabuus isuuma kana waliin walqabatee akka ta’e ibsan.

Jaarmayaan gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa (OCHA)n, mootummaa Itiyoophiyaa waliin raga dursaa ibsaniin, naannolee loolaan roobaa balaa itti geesisuu dabalatee biyyatti keessatti baatii Guraandhalaa qabee hanga waxabajjiitti balaa loolaa bishaanii rooba irraa dhufuuf dursanii eeggannoo gochuun barbaachisaa ta’u ibsanii kanaafis haanqinni maallaqaa fi meeshaa adda addaa akka jiru OCHAn ibsuu isaan Yoonaataan Zabdiwoos Haawaasaa Irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG