Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertiraan Gabaasaa Waggaa Mirga Namoomaa Yunaayitid Isteetis Kan Mootummaa Ishee Qeequuf Deebii Kennite


Torbaan darbe Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi haala qabinsa mirga namoomaa irratti gabaasa kan waggaa kan bara 2023 baase irratti Eeritiriyaa keessatti sarbaminsa mirga namoomaa hamaatu jira jechuu isaa hordofee Eritiriyaan deebii kenniteen himannaa baratamee fi yeroo dheeraaf himannaa sobaa fi amanamummaa kan hin qabne jetteetti.

Imbaasiin Eritiriyaa Kan waashingiton Ibsa baase keessatti “dhimmi guddaan Ameerikan durumaaniyyuu karaa mirgaanii fi bulchiinsa mootummaan Addunyaa biraatti lallabuuf seeraanis ta’e hamiilee qabdii ? jechuun gaafata.

Akka Gabaasa ministira haajaa alaa yuunaayitid Isteetsi torbaan darbe ba’eetti Eriitiriyaa keessatti haalli qabinsa mirga namoomaa isa duraaniirraa homaa jijjiirama hin qabu jedhee humnoonni waraa Eritiriyaa Waraana Kaaba Itiyoophiyaa keessa tureerratti Yakkoota waraanaa raawwachuu isaanii ibseera. Akkasumas biyyattii keessatti humnaan nama hidhuu, dorsiisa, sarbama mirga

namoomaa garaa jabummaan guutame raawwachuu, mana hidhaa lubbuu namaa balaaf saaxiluu fi qaamooleen haqaa bilisa ta’uu dhabuu, lammiilee Eeritiriyaa biyyoota biroo keessa jiran sababa ilaalcha siyaasaa isaanii ukkaamsuufaa jedha.

Ibsi Imbaasii Eriitiriyaa kan Waashingitanimmoo faayidaa teessuma lafaaf jecha mirgoota Eriitiriyaa cabuu hin dandeenye cabsuudhaan naannicha nageenyi fi tasgabbiin akka hin jiraanne kan taasisu bulchiinsi Joo Bayidenis ejjennoo Ameerikaa isa yeroo dheeraaf ture dhimmi dhaabbataa taasifatee itti fufeera jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG